Xiinxala Walaloo “… Jedhe Diggaa Saaqoo!” Ija Tiraajediitiin
Abstract
AXEERARA
Kaayyoon qorannoo kanaa walaloo “… Jedhe Diggaa Saaqoo!” ija tiraajediitiin xiinxaluudha. Yaadiddama tiraajedii aadaa warra Giriikiifi kan warra Elizaabeetaan walitti makuun qeeqa walaloo kana irratti gaggeessuuf dhimma itti bahameera. Xiinxalli walaloo moodela caasaa jaargochaa tiraajedii Aristotlefi Freytag hundeessan deeggaramuun kan raawwatamedha. Xiinxalli barruu hafeewwan walalicha keessaa akka madda ragaaleetti fudhachuufi tiraajediin xiinxaluuf faayidaarra kan ooledha. Hayyoonni ogbarruu akka ibsanitti, kaayyoon tiraajedii miirota doo’attootaa (dubbistootaa) qulqulleessuudha. Ogbarruu keessaan miirota namaafi hafuura qulqulleessuun yookiin dhiphina keessaa hiikuun immoo, haala afuuraan, hawaasummaafi beekumsaan fooyya’anii bilisa bahuu doo’attootaa mirkaneessuudha. Kanaaf, tiraajediin akkeessaa gochaa, kan goolabni isaa namfakkii goobaan galeessaaf kufaatii, badiifi du’a dhaqqabsiisu agarsiisuuf jecha ogbarruu keessatti hojiirra ooludha. Tiraajedii barruu keessatti mul’atu immoo mala xiinxala caasaa, ergaafi ilaalcha barruu moodelaa warra Giriikiifi kan warra Elizaabeetaan walirra bu’uufi dhiisuu isaa qorachuudha. Xiinxala raawwatameenis, Diggaan fakkeenya gootummaa, kutannoo, dhugaafi qajeelfama seeraaf dabarsanii of kennuu agarsiisa. Haqa beekaniif aarsaa of gochuu hubachiisa. Tartiibni yaa’insa yaadaafi taateewwan walalicha keessatti raawwataman tiraajedii ta’uu isaanii agarsiisa. Akkasumas, duraa duubni taateewwan walaloo Oromoo kana keessatti mul’atan moodela caasaa jaargocha tiraajedii Aristotlefi piraamidii Freytag wajjin walirra bu’uu isaanii agarsiisa. Xiinxala gaggeeffamerraa akka hubatamutti, caasaa, ergaafi ilaalchi tiraajedii Jarmaniifi Giriikiin waliin madaalamuun walaloon Oromoo kunis moodeloota tiraajediin ittiin agarsiifamuun kan walirra bu’udha.
Jechoota Ijoo: goobaan galeessa, jaargocha, moodela, tiraajedii, walaloo
ABSTRACT
The purpose of this article was to examine the poem “… Jedhe Diggaa Saaqoo!” from the lens of tragedy. A combination of Greek and Elizabethan traditional tragic theories was used to criticize the poem. The analysis of the poem is supported by the model of the structure of the tragedy established by Aristotle and Freytag. Textual analysis was used as a tool to take data from the poem as a source of evidence and analyze the tragedy. Scholars explain that the purpose of tragedy is to purify the emotions of the readers. Purifying human and spiritual emotions through literature or releasing them from distress is to ensure the spiritual, social and intellectual improvement of the readers and their liberation. Therefore, tragedy is a metaphor of action that ends in failure, evil and death for the protagonist. The tragedy in the text is an analytical approach to examine whether the structure, message and perspective of the Greek and Elizabethan models overlap. After the analysis of the text, it is found out that Digga shows an example of heroism, determination, truth and devotion to the guidelines of the law. He reminds us to sacrifice ourselves for the truth we know. The order of the flow of ideas and events in the poem indicates that they are tragic. It also shows that the order of the events in this Oromo poem coincides with the structural model of Aristotle’s tragic plot and Freytag’s pyramid. The analysis shows that the structure, message and attitude of German and Greek tragedy are compared with the Oromo poem and are in coincidens with the models used to depict tragedy.
Key words: hero, plot, model, tragedy, poem